-
Asteer 7:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Asteer Mootittiinis akkana jettee deebiste: “Yaa mootii, ani si biratti fudhatama argadheera yoon taʼee fi kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, akkuma kadhannaa kootti lubbuu koo, akkuma gaaffii koottis saba koo+ naaf oolchi. 4 Sababiin isaas anii fi sabni koo dhumaatiidhaaf, ajjeefamuu fi barbadeeffamuuf gurguramneerra.+ Garboota dhiiraa fi garboota dubartii taʼuudhaaf qofa gurguramne utuu taʼee nan callisan ture. Haa taʼu malee, badiisni kun mooticha irrattis miidhaa waan geessisuuf, callifamee ilaalamuu hin qabu.”
-
-
Fakkeenya 14:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Uleen of tuulummaa afaan nama gowwaa keessa jira,
Afaan ogeessotaa garuu eegumsa isaaniif godha.
-