-
Asteer 3:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha. 9 Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, labsiin akka isaan balleeffaman ajaju haa barreeffamu. Anis mana qabeenyaa mootichaatti akka galchaniif abbootii taayitaatiif meetii taalaantii* 10,000 nan kaffala.”*
-
-
Asteer 3:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Ajajni dargaggeessaa fi maanguddoo, ijoollee fi dubartoota utuu hin jedhin guyyaa tokkotti, jiʼa 12ffaa isa jiʼa Adaar+ taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti, Yihudoota hundumaa akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, akkasumas qabeenya isaanii akka saaman xalayaawwan sun gara koonyaawwan mootichaa hundumaatti kan ergaman karaa ergamtootaa ture.+
-
-
Asteer 4:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Mordekaayis wanta isa irra gaʼe hundumaa fi Haamaan Yihudoonni akka balleeffamaniif+ jecha mana qabeenyaa mootichaatiif maallaqa+ hammamii kaffaluuf waadaa akka gale isatti hime. 8 Kana malees, garagalchii labsii barreeffamaan qophaaʼe isa Shushaan*+ keessatti baʼee fi akka isaan balleeffaman ajaju sana isatti kenne. Barreeffama sanas Asteeritti akka argisiisuu fi dhimmicha akka ishiidhaaf ibsu, akkasumas gara mootichaatti seentee isa biratti fudhatama argachuuf akka kadhattuu fi saba ishiitiif cimsitee kallattiidhaan akka isa kadhattu akka ishiitti himu+ isa erge.
-