-
Asteer 3:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha.
-
-
Asteer 3:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Ajajni dargaggeessaa fi maanguddoo, ijoollee fi dubartoota utuu hin jedhin guyyaa tokkotti, jiʼa 12ffaa isa jiʼa Adaar+ taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti, Yihudoota hundumaa akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, akkasumas qabeenya isaanii akka saaman xalayaawwan sun gara koonyaawwan mootichaa hundumaatti kan ergaman karaa ergamtootaa ture.+
-