-
Asteer 8:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Barreeffamoota kana keessatti Yihudoonni magaalota adda addaa hundumaa keessatti argaman walitti qabamanii akka of* irraa isaan ittisan, akkasumas dubartootaa fi ijoollee dabalatee humnoota saba yookiin koonyaa warra isaan balleessuu barbaadan kam iyyuu akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, qabeenya isaaniis akka saaman mootichi isaaniif ni heyyame.+ 12 Kunis guyyuma tokkotti, jechuunis jiʼa Adaar*+ isa jiʼa 12ffaa taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti koonyaawwan Ahaashweros Mootichaa hundumaa keessatti akka raawwatamu ni murteeffame.
-