LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Asteer 3:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ajajni dargaggeessaa fi maanguddoo, ijoollee fi dubartoota utuu hin jedhin guyyaa tokkotti, jiʼa 12ffaa isa jiʼa Adaar+ taʼe keessaa guyyaa 13ffaatti, Yihudoota hundumaa akka fixan, akka ajjeesanii fi akka barbadeessan, akkasumas qabeenya isaanii akka saaman xalayaawwan sun gara koonyaawwan mootichaa hundumaatti kan ergaman karaa ergamtootaa ture.+

  • Asteer 9:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Jiʼa Adaar,*+ jechuunis jiʼa 12ffaa keessaa guyyaa 13ffaatti, yommuu dubbiin mootichaa fi seerri isaa hojii irra oolfamuuf jedhutti,+ guyyaa diinonni Yihudootaa akka isaan moʼan abdatanii turanitti, wanti kana irraa faallaa taʼe ni raawwatame; Yihudoonni warra isaan jibban ni moʼan.+ 2 Yihudoonni warra isaan miidhuu barbaadaniin loluuf magaalota isaanii warra koonyaawwan Ahaashweros+ Mootichaa hundumaa keessatti argaman keessatti walitti qabaman; saboonni hundi waan isaan sodaataniif namni tokko illee isaan dura dhaabbachuu hin dandeenye.+

  • Asteer 9:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yihudoonni koonyaawwan mootichaa keessa jiran kaanis walitti qabamanii of irraa isaan ittisan.*+ Warra isaan jibban keessaa namoota 75,000 ajjeesuudhaan diinota isaanii haxaaʼanii balleessan;+ taʼus boojuu tokko illee hin fudhanne. 17 Kunis kan taʼe, jiʼa Adaar keessaa guyyaa 13ffaatti yommuu taʼu, isaanis guyyaa 14ffaatti ni boqotan; guyyichas guyyaa affeerraa fi guyyaa gammachuu ni godhatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi