-
Asteer 9:5-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihudoonni diinota isaanii hundumaa goraadeedhaan ni rukutan, isaan ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan; warra isaan jibban irrattis wanta barbaadan ni raawwatan.+ 6 Yihudoonni dahoo* Shushaan*+ keessatti namoota 500 ni ajjeesan, akkasumas ni barbadeessan. 7 Kana malees isaan, Paarshaandaataa, Daalfoon, Asfaataa, 8 Poraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa, 9 Paaraamaashtaa, Arisaay, Ariidaayii fi Waayizaataa, 10 jechuunis ilmaan Haamaan ilma Hamedaataa isa diina Yihudootaa+ taʼe sanaa kurnan ni ajjeesan. Erga isaan ajjeesanii booda garuu, boojuu tokko illee hin fudhanne.+
-