LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Asteer 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Achiis Haamaan Ahaashweros Mootichaan akkana jedhe: “Sabni namoota koonyaawwan bulchiinsa kee+ hundumaa keessa jiran gidduu faffacaʼee fi tatamsaʼee jiraatu tokko jira;+ seerri isaanii seera saboota kaanii hundumaa irraa adda dha; isaan seera mootichaatiif hin ajajaman; namoota kana callisanii ilaaluun faayidaa mootichaa miidha.

  • Asteer 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Yeroo kanatti mootichi qubeellaa chaappaa isaa harka isaa irraa baasee,+ Haamaan+ ilma Hamedaataa Agaagicha+ isa diina Yihudootaa taʼetti kenne.

  • Asteer 7:4-6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sababiin isaas anii fi sabni koo dhumaatiidhaaf, ajjeefamuu fi barbadeeffamuuf gurguramneerra.+ Garboota dhiiraa fi garboota dubartii taʼuudhaaf qofa gurguramne utuu taʼee nan callisan ture. Haa taʼu malee, badiisni kun mooticha irrattis miidhaa waan geessisuuf, callifamee ilaalamuu hin qabu.”

      5 Yeroo kanatti Ahaashweros Mootichi Asteer Mootittiidhaan, “Namni kun eenyu? Namichi wanta akkanaa gochuuf onnate eessa jira?” jedhe. 6 Asteeris, “Hamajaajii fi diinni kun Haamaan isa namicha hamaa taʼe kana dha” jette.

      Haamaanis mootichaa fi mootittii duratti ni hollate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi