-
2 Saamuʼel 15:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Daawit gara fiixee gaarichaa bakka uummatichi yeroo baayʼee Waaqayyoof itti sagadu yommuu dhufu, Hushaay+ Arkichi+ uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee isa argachuuf achitti isa eega ture. 33 Haa taʼu malee, Daawit akkana isaan jedhe: “Ati anaa wajjin yoo ceete, baʼaa natti taata. 34 Garuu gara magaalattiitti deebitee Abishaalomiin, ‘Yaa Mootii, ani tajaajilaa kee ti. Ani kanaan dura tajaajilaa abbaa keetiin ture; amma garuu ani tajaajilaa kee ti’+ yoo jette, gorsa Ahitoofel naa fashaleessuu dandeessa.+
-
-
Fakkeenya 22:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Nama hojii isaa irratti dandeettii qabu argiteettaa?
Inni mootota dura dhaabbata;+
Namoota kaan dura hin dhaabbatu.
-