-
1 Saamuʼel 16:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Tajaajiltoota sana keessaa tokko, “Kunoo, ani ilmi Issey isa nama Beetaliheem taʼee akka gaariitti baganaa akka taphatu argeera; kana malees, inni onnataa fi loltuu jabaa dha.+ Inni akka gaariitti dubbachuu dandaʼa; bifti isaa miidhagaa dha;+ Yihowaanis isaa wajjin jira”+ jedhe. 19 Yeroo kanatti Saaʼol, “Ilma kee Daawit isa hoolota tiksu naa ergi” jedhee namoota gara Isseyitti erge.+
-
-
1 Mootota 7:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Solomoon Mootichi Hiiraamitti+ nama ergee Xiirosii isa fichisiise. 14 Inni ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi gosa Niftaalem taate takkaa ture; abbaan isaa nama biyya Xiiros isa sibiila diimaa hojjetu ture;+ Hiiraam akaakuu hojii sibiila diimaa* hundumaatiin nama dandeettii, hubannaa+ fi muuxannoo guddaa qabu ture. Kanaafuu, gara Solomoon Mootichaa dhufee hojii inni isaaf kenne hunda ni hojjete.
-