34 Isin yaa ijoollee buutii nana,+ hamoota taatanii utuu jirtanii akkamitti wanta gaarii dubbachuu dandeessu? Afaan wanta garaa keessa guute dubbata.+ 35 Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa; namni hamaanis wanta hamaa kuufate keessaa wanta hamaa gad baasa.+