17 Achiis Eeliyaasiin akkuma argeen, “Inni Israaʼel irratti rakkina guddaa fidaa jiru siʼii?” isaan jedhe.
18 Yeroo kanatti inni akkana isaan jedhe: “Ajajawwan Yihowaa dhiisuudhaan, Baʼaal duukaas buʼuudhaan Israaʼel irratti rakkina fidaa kan jiru+ sii fi mana abbaa keetii ti malee ana miti.