LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 “Wanta ol gubbaa samii keessa jiru yookiin gad lafa irra jiru yookiin lafa jala bishaan keessa jiru kam iyyuu fakkeessitee ofii keetiif fakkii bocame yookiin fakkii kan biraa hin tolfatin.+

  • 1 Mootota 9:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+

  • 1 Mootota 16:30-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe. 32 Kana malees, inni mana* Baʼaal+ isa Samaariyaa keessatti hojjete keessatti Baʼaaliif iddoo aarsaa ni ijaare. 33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi