-
1 Mootota 9:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Achiis, ‘Isaan Waaqa isaanii Yihowaa isa abbootii isaanii biyya Gibxiitii baase dhiisanii waaqolii kan birootti waan goraniif, waan isaaniif sagadanii fi waan isaan tajaajilaniifi. Yihowaan rakkina kana hundumaa kan isaanitti fide kanaafi’ jedhu.”+
-
-
1 Mootota 16:30-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ahaab ilmi Omrii Yihowaa duratti wanta warra isa dura turan hunda caalaa hammaatu ni raawwate.+ 31 Ahaab daandii Yeroboʼaam+ ilma Nebaat irra deemuun isaa iyyuu itti hanqatee, Iizaabel+ ishii intala Etbaʼaal isa mootii Siidoonotaa+ taʼe sanaa ni fuudhe; akkasumas Baʼaaliin tajaajiluu+ fi isaaf sagaduu ni jalqabe. 32 Kana malees, inni mana* Baʼaal+ isa Samaariyaa keessatti hojjete keessatti Baʼaaliif iddoo aarsaa ni ijaare. 33 Ahaab utubaa waaqeffannaas* ni hojjete.+ Ahaab Yihowaa Waaqa Israaʼeliin dheekkamsiisuuf mootota Israaʼel warra isa dura turan hunda caalaa wanta hamaa ni raawwate.
-