-
Uumama 13:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, Abraam Looxiin+ akkana jedhe: “Nuti obbolaa waan taaneef, maaloo, anaa fi si gidduutti, tiksitoota koo fi tiksitoota kee gidduuttis walitti buʼiinsi uumamuu hin qabu. 9 Biyya kana keessatti bakka barbaadde filattee jiraachuu dandeessa. Maaloo, ana irraa addaan baʼi. Ati gara bitaatti yoo deemte, ani gara mirgaatti nan deema; ati gara mirgaatti yoo deemte immoo ani gara bitaatti nan deema.”
-
-
1 Saamuʼel 25:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Abigaayil Daawitiin yommuu argitu, daftee harree irraa buutee adda ishiitiin lafatti gombifamtee Daawit duratti sagadde. 24 Achiis miila isaatti kuftee, akkana jette: “Yaa gooftaa koo, balleessaan isaa ana irratti haa taʼu; tajaajiltuun tee sitti haa dubbattu; atis wanta tajaajiltuun tee jettu dhagaʼi.
-