LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 11:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Sana booda Yihowaan akkana jedhe: “Kunoo, namoonni kun tokkummaa qabu; qooqni isaaniis tokko dha;+ isaan wanta kana gochuu jalqabaniiru. Wanta gochuuf yaadan kana akka hin raawwanne wanti isaan dhowwuu dandaʼu hin jiru. 7 Mee achitti gad buunee akka isaan qooqa walii isaanii hin hubanneef, qooqa isaanii waliin haa dhoofnu.”+

  • Uumama 50:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yeroo kanatti Yoseef akkana isaaniin jedhe: “Hin sodaatinaa. Ani iddoo Waaqayyoon jiraa? 20 Isin kana kan gootan na miidhuuf yoo taʼe iyyuu,+ Waaqayyo garuu akkuma harʼa gochaa jirutti wanta gaariitti jijjiireera; lubbuu namoota hedduu oolchuufis itti fayyadameera.+

  • Fakkeenya 21:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Ogummaan, hubannaan yookiin gorsi Yihowaa mormu gatii hin qabu.+

  • Daaniʼel 4:35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Jiraattonni lafaa hundi homaatti iyyuu hin lakkaaʼaman; inni raayyaa samii fi jiraattota lafaa gidduutti akkuma fedhii isaatti ni hojjeta. Isa* dhowwuus taʼe, ‘Maal gochuu kee ti?’+ isaan jechuu kan dandaʼu hin jiru.+

  • Hojii Ergamootaa 5:38, 39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Kanaafuu, amma ani isiniin nan jedha, namoota kana gadhiisaa malee homaa hin godhinaa. Sababiin isaas, yaadni kun yookiin hojiin kun namoota biraa yoo taʼe ni bada; 39 Waaqayyo biraa yoo taʼe garuu isaan balleessuu hin dandeessan.+ Taʼuu baannaan, Waaqayyoo wajjin wal loluu dandeessu.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi