LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 15:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala; 23 sababiin isaas, ajajamuu diduun+ hooda dubbachuu,+ of tuuluunis mora raawwachuu fi waaqolii tolfamoo* waaqeffachuu wajjin tokko dha. Dubbii Yihowaa waan tuffatteef,+ innis ati mootii akka hin taane si tuffateera.”+

  • Hoseʼaa 6:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Sababiin isaas, ani aarsaatti utuu hin taʼin, jaalala amanamaattan* gammada,

      Aarsaa guutummaatti gubamu mannaa beekumsa Waaqayyoottan gammada.+

  • Miikiyaas 6:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Yihowaan korbeeyyii hoolaa kumaan lakkaaʼamanitti,

      Zayitii safartuu guguddaa kuma kudhaniin lakkaaʼamutti ni gammadaa?+

      Ani fincila kootiif ilma koo isa angafaa,

      Cubbuu kootiifis* firii qaama kootii kennuu?+

       8 Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera.

      Yihowaan maal si irraa* barbaada?

      Haqa* akka raawwattu,+ amanamummaa akka jaallattu,*+

      Gad of qabuudhaan*+ Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?+

  • Maatewos 12:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan+ barbaada’+ inni jedhu, maal jechuu akka taʼe utuu hubattaniittu taʼee namoota balleessaa hin qabne hin balaaleffattan turtan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi