LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 21:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuun

      Aarsaa caalaa Yihowaa gammachiisa.+

  • Isaayyaas 1:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa,+

      Isa nama cunqursu sirreessaa,

      Mirga mucaa abbaa hin qabneetiif* falmaa,

      Dubartii abbaan manaa irraa duʼeefis falmaa.”+

  • Ermiyaas 22:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yihowaan akkana jedha: “Haqaa fi qajeelummaa deggeraa. Isa saamame harka nama gowwoomsituu taʼee irraa oolchaa. Nama biyya ormaa kam iyyuu hin cunqursinaa; mucaa abbaa hin qabne* yookiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe kam iyyuu hin miidhinaa.+ Bakka kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabne kam iyyuu hin dhangalaasinaa.+

  • Hisqiʼel 45:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Yaa geggeessitoota Israaʼel, isin keessa baataniittu!’

      “‘Hammina keessanii fi hacuuccaa keessan dhiisaa; wanta haqaa fi qajeelaa taʼes raawwadhaa.+ Qabeenya saba kootii saamuu dhiisaa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.

  • Hoseʼaa 12:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 “Kanaafuu, gara Waaqa keetti deebiʼi,+

      Jaalala amanamaa fi haqaan deddeebiʼi,+

      Yeroo hundumaas Waaqa kee abdadhu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi