-
2 Mootota 24:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Wanti kun akka Yihowaan ajajetti Yihudaa irra ni gaʼe; kunis kan taʼe, cubbuuwwan Minaaseen hojjete hundumaatiin kan kaʼe+ inni Yihudaa of duraa balleessuu waan barbaadeef,+ 4 akkasumas dhiiga qulqulluu inni dhangalaaseen kan kaʼe dha;+ inni dhiiga qulqulluudhaan Yerusaalemiin guutee ture; Yihowaanis dhiifama isaaf gochuuf fedhii hin qabu ture.+
-
-
Ermiyaas 7:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 namoota biyya ormaa, ijoollee warri jalaa duʼanii* fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼe yoo cunqursuu baattan,+ iddoo kanatti dhiiga qulqulluu yoo dhangalaasuu baattan, akkasumas waaqolii kan biroo warra isin miidhan duukaa yoo buʼuu baattan,+ 7 ani immoo iddoo kana, biyya isan yeroo hundumaatiif* abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan akka itti fuftan isiniif nan heyyama.”’”
-