5 Kana malees, isa akka ilmaaniitti akkana jedhee isin gorsu sana guutummaatti irraanfattaniittu: “Yaa ilma koo, adaba Yihowaa akka laayyootti hin ilaalin, yeroo inni sirreeffama sii kennus abdii hin kutatin; 6 Yihowaan warra jaallatu ni adaba, nama akka ilma isaatti fudhatu hundas ni garafa.”+