-
Luqaas 14:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 “Namni tokko yommuu cidha gaaʼelaa irratti si affeeru iddoo hunda irra caalu hin taaʼin.+ Tarii namni si caalaa bakka guddaa qabu affeeramee taʼuu dandaʼa. 9 Achiis namichi lamaan keessan affeere sun dhufee, ‘Iddoo kana nama kanaaf gadhiisi’ siin jedha. Atis qaanoftee dhaqxee iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe teessa. 10 Haa taʼu malee, yommuu affeeramtu namichi si affeere sun dhufee, ‘Michuu koo, iddoo ol aanutti ol siqi’ akka siin jedhutti, dhaqiitii iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe taaʼi. Achiis namoota sii wajjin affeeraman hunda duratti ulfina argatta.+
-