8 Yeroo kanatti Saaʼol, “Daawitiif kumaatama kudhan kennan; anaaf garuu kumaatama kennan. Wanti utuu isaaf hin kennamin hafe mootummaa qofa dha!”+ jedhee waan yaadeef baayʼee aare;+ sirba kanattis hin gammanne. 9 Guyyaa sanaa jalqabee, Saaʼol yeroo hundumaa Daawitiin ija shakkiitiin ilaala ture.