-
Keessa Deebii 6:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Waaqni kee Yihowaan gara biyya siif kennuuf abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakatetti, magaalota guguddoo fi gaggaarii ati hin ijaarretti+ yommuu si galchu,+ 11 gara manneen wantoota gaggaarii akaakuu hundumaa ati itti hin dadhabneen guutamanitti, gara boollawwan bishaanii ati hin qonnetti, akkasumas gara maasiiwwan wayinii fi mukeetii ejersaa* ati hin dhaabnetti yommuu si fiduu fi atis nyaattee yommuu quuftutti,+ 12 Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase akka hin irraanfanne of eeggadhu.+
-