LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 13:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Achiis Maanoʼaan haadha manaa isaatiin, “Inni argine sun Waaqayyo waan taʼeef, duʼuun keenya hin oolu”+ jedhe. 23 Haati manaa isaa garuu, “Yihowaan nu ajjeesuu barbaada utuu taʼee, aarsaa gubamuu+ fi aarsaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, wantoota kana hundumaas nutti hin argisiisu, akkasumas wantoota kana keessaa isa kam iyyuu nutti hin himu ture” isaan jette.

  • 1 Saamuʼel 25:30, 31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Yommuu Yihowaan wanta gaarii raawwachuuf waadaa gale hundumaa si gooftaa kootiif godhuu fi yommuu Israaʼel irratti geggeessaa godhee si muudu,+ 31 gooftaan koo sababii malee dhiiga dhangalaasuudhaan, akkasumas harka isaatiin haaloo baʼuudhaan,* wanta garaa isaatti itti gaddu yookiin itti gaabbu* hin qabaatin.+ Yihowaan si gooftaa kootiif wanta gaarii kennuudhaan yommuu si eebbisu, tajaajiltuu tee yaadadhu.”

  • Asteer 5:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Mooticha duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, mootichis wantan kadhadhe gochuu fi akkan gaafadhetti tarkaanfii fudhachuun kan isa gammachiisu yoo taʼe, mootichii fi Haamaan affeerraa ani boru isaaniif qopheessu irratti haa argaman; anis boru akkuma mootichi jedhe nan godha.”

  • Tiitoo 2:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonni maanguddoon amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban, maqaa namaa kan hin balleessine, daadhii wayinii hedduudhaaf garboota kan hin taanee fi wanta gaarii kan barsiisan haa taʼan;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi