LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 13:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture. 14 Amma garuu mootummaan kee itti hin fufu.+ Ati ajaja Yihowaan siif kenneef waan hin ajajamneef,+ Yihowaan nama akka garaa isaa taʼe ni argata;+ akka inni geggeessaa taʼus Yihowaan saba ofii isaa irratti isa ni muuda.”+

  • 1 Saamuʼel 23:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yonaataan Daawitiin, “Abbaan koo Saaʼol waan si hin arganneef hin sodaatin; ati Israaʼel irratti mootii ni taata;+ ani immoo sitti aanee lammaffaa nan taʼa; abbaan koo Saaʼolis kana ni beeka”+ jedhe.

  • 2 Saamuʼel 6:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti Daawit Miikaaliin akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa abbaa kee fi guutummaa maatii isaa utuu hin taʼin, ana filatee Israaʼel isa saba Yihowaa taʼe irratti geggeessaa godhee na muude durattan sirbe.+ Kanaafuu, ani ammas Yihowaa duratti nan sirba;

  • 2 Saamuʼel 7:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe.

  • Faarfannaa 89:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Tajaajilaa koo Daawitiin nan argadhe;+

      Zayitii koo isa qulqulluudhaanis isa nan dibe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi