-
1 Seenaa Baraa 17:7-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf, ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan si fudhadhe.+ 8 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;+ maqaa guddaa maqaa namoonni guguddaan lafa irra jiran qabanii wajjin wal fakkaatu akka qabaattu nan godha.+ 9 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 10 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan.* Diinonni kee hundi akka siif bitaman nan godha.+ Kana malees ani, ‘Yihowaan mana siif ni ijaara’* siin nan jedha.
-
-
1 Seenaa Baraa 28:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+
-