LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 5:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaan dura yommuu Saaʼol mootii keenya turetti, situ Israaʼeliin duula irratti geggeessa ture.*+ Yihowaan, ‘Ati saba koo Israaʼeliin ni tiksita; Israaʼel irrattis geggeessaa ni taata’ siin jedheera.”+

  • 1 Seenaa Baraa 17:7-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf, ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan si fudhadhe.+ 8 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;+ maqaa guddaa maqaa namoonni guguddaan lafa irra jiran qabanii wajjin wal fakkaatu akka qabaattu nan godha.+ 9 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 10 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan.* Diinonni kee hundi akka siif bitaman nan godha.+ Kana malees ani, ‘Yihowaan mana siif ni ijaara’* siin nan jedha.

  • 1 Seenaa Baraa 28:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+

  • Faarfannaa 78:70, 71
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 70 Tajaajilaa isaa Daawitiin filatee,+

      Goorannoo hoolotaa gidduudhaa,+

      71 Hoolota hoosisan eeguu irraas isa fudhate;

      Yaaqoob isa saba isaa taʼe irratti,

      Israaʼel isa dhaala isaa taʼe irrattis tiksee isa godhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi