LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 49:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Hamma Shiiloon* dhufutti,+ uleen mootii Yihudaa+ keessaa, uleen ajajaas miila isaa gidduudhaa hin baʼu; saboonnis isaaf ni ajajamu.+

  • 1 Saamuʼel 16:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Yeroo booda Yihowaan Saamuʼeliin, “Inni Israaʼel irratti mootii taʼee akka hin bulchine isa tuffadhee utuun jiruu,+ ati hamma yoomiitti Saaʼoliif gaddita?+ Miʼa gaanfaa keetti zayitii guuttadhuutii+ deemi. Ilmaan isaa gidduudhaa nama mootii naaf taʼu waanan filadheef,+ gara Issey+ isa nama Beetaliheem taʼetti sin erga” jedhe.

  • 1 Saamuʼel 25:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Yommuu Yihowaan wanta gaarii raawwachuuf waadaa gale hundumaa si gooftaa kootiif godhuu fi yommuu Israaʼel irratti geggeessaa godhee si muudu,+

  • 2 Saamuʼel 6:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti Daawit Miikaaliin akkana jedhe: “Ani Yihowaa isa abbaa kee fi guutummaa maatii isaa utuu hin taʼin, ana filatee Israaʼel isa saba Yihowaa taʼe irratti geggeessaa godhee na muude durattan sirbe.+ Kanaafuu, ani ammas Yihowaa duratti nan sirba;

  • 2 Saamuʼel 7:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe.

  • 1 Seenaa Baraa 28:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, Yihowaan Waaqni Israaʼel bara baraaf Israaʼel irratti mootii akkan taʼuuf warra mana abbaa kootii hundumaa keessaa na filateera;+ sababiin isaas inni Yihudaan geggeessaa akka taʼu filatee ture;+ mana Yihudaa keessaa immoo mana abbaa kootii filate;+ ilmaan abbaa kootii keessaa guutummaa Israaʼel irratti mootii na gochuuf na filate.+

  • Faarfannaa 78:71
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 71 Hoolota hoosisan eeguu irraas isa fudhate;

      Yaaqoob isa saba isaa taʼe irratti,

      Israaʼel isa dhaala isaa taʼe irrattis tiksee isa godhe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi