-
1 Saamuʼel 16:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dhuma irrattis Saamuʼel Isseyiin, “Ilmaan kee isaanuma kana qofa dhaa?” jedhe. Yeroo kanatti Issey, “Inni quxisuun+ hafeera; hoolota tiksaa jira”+ isaan jedhe. Achiis Saamuʼel Isseyiin, “Hanga inni as dhufutti nuti nyaata nyaachuuf gad hin teenyu; kanaafuu, ergii isa waamsisi” jedhe. 12 Isseyis nama ergee isa fichisiise. Inni diimaa, ijji isaa bareedaa, bifti isaas miidhagaa ture.+ Achiis Yihowaan, “Inni ani filadhe isa kana waan taʼeef, kaʼiitii isa dibi!” isaan jedhe.+
-
-
1 Saamuʼel 17:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Daawit hoolota abbaa isaa tiksuuf+ Saaʼol biraa Beetaliheemitti deddeebiʼa ture.
-
-
1 Saamuʼel 25:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Yommuu Yihowaan wanta gaarii raawwachuuf waadaa gale hundumaa si gooftaa kootiif godhuu fi yommuu Israaʼel irratti geggeessaa godhee si muudu,+
-
-
2 Saamuʼel 7:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Ammas tajaajilaa koo Daawitiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Ati saba koo Israaʼel irratti geggeessaa akka taatuuf,+ ani bakka tikaatii, hoolota duuba deemuu irraan+ si fudhadhe. 9 Bakka ati dhaqxu hundumaatti sii wajjin nan taʼa;+ diinota kee hundumaa fuula kee duraa nan balleessa;*+ akkuma namoota guguddaa lafa irra jiranii maqaa guddaa akka qabaattu nan godha.+ 10 Ani saba koo Israaʼeliif iddoo nan kenna; tasgabbaaʼanii akka taaʼanis nan godha; isaan achi ni jiraatu; kana booda wanti isaan jeequ hin jiraatu; namoonni hamoonis akka kanaan dura gochaa turanitti isaan hin cunqursan;+ 11 guyyaa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii itti muudee+ jalqabee akka gochaa turanitti isaan hin cunqursan. Diinota kee hundumaa irraas boqonnaa siif nan kenna.+
“‘“Kana malees, akka Yihowaan sitti himetti Yihowaan mana siif ni ijaara.*+
-