-
1 Saamuʼel 8:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Akkana isaaniin jedhe: “Mootiin isin bulchu wantoota kana isin gaafachuuf mirga qaba:+ Inni ilmaan keessan fudhatee+ gaarii fardaa isaa keessa kaaʼa;+ abbootii fardeenii isaas isaan godhata;+ isaan keessaa tokko tokko immoo gaarii fardaa isaa dura ni fiigu. 12 Ofii isaatiifis ajajjoota kumaa+ fi ajajjoota shantamaa+ godhee isaan muuda; isaan keessaa tokko tokko maasii isaa isaan qochisiifata;+ midhaan isaa isaan haamsifata;+ meeshaa waraanaa fi miʼa gaarii fardaa isaa isaan hojjechiifata.+
-
-
1 Mootota 4:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Solomoon bulchitoota guutummaa Israaʼel irratti muudamanii mootichaa fi maatii isaatiif soorata dhiheessan 12 qaba ture. Tokkoon tokkoon isaanii waggaatti jiʼa tokkoof soorata dhiheessuuf itti gaafatamummaa qabu turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 26:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Kana malees, Ooziyaan Yerusaalem keessatti Karra Golee,+ Karra Sululaa+ fi Deggertuu Dallaa biratti masaraawwan ni ijaare;+ isaaniinis ni cimse. 10 Dabalataanis, inni lafa onaa keessatti masaraawwan ni ijaare;+ boollawwan bishaan itti kuusan hedduus ni qote* (sababiin isaas, inni horii hedduu qaba ture); Shefelaa fi dirree sana keessattis akkanuma ni godhe. Inni hojii qonnaa waan jaallatuuf, gaarotaa fi Qarmeelos keessatti qonnaan bultootaa fi namoota maasii wayinii keessatti hojjetan qaba ture.
-