8 Haa taʼu malee, namni arraba madaqsuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Arrabni kan hin toʼatamne, miidhaa kan geessistuu fi summii nama ajjeesuun kan guutamte dha.+ 9 Arraba keenyaan Abbaa keenya Yihowaa ni jajanna; arrabuma kanaanis namoota akka “fakkaattii Waaqayyootti”+ uumaman ni abaarra.