-
Lallaba 5:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Wanti ani gaarii fi sirrii akka taʼe arge kana dha: kun badhaasa* isaa waan taʼeef, namni tokko umurii gabaabaa Waaqni dhugaan isaaf kennetti nyaachuu fi dhuguu, akkasumas hojii jabaatee hojjechuudhaan aduu jalatti itti dadhabe hundumaa irraa gammachuu argachuu qaba.+ 19 Kana malees, Waaqni dhugaan nama tokkoof badhaadhinaa fi qabeenya,+ akka isaanitti gammaduufis dandeettii yommuu kennu, namni sun badhaasa* isaa fudhachuu fi hojii isaa isa jabaatee hojjetetti gammaduu qaba. Kun kennaa Waaqayyoo ti.+
-
-
Isaayyaas 65:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu,+
Mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu.+
22 Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu,
Muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.
Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa,+
Warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.
-