-
Weedduu Weedduu Caalu 4:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha.
Ati bareedduu dha.
Ijji kee shaashii kee keessatti akkuma ija gugee ti.
Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaa
Gaarota Giiliyaad+ irraa gad yaaʼuu ti.
2 Ilkaan kee akkuma hoolota reefuu rifeensi irraa muramee
Dhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,
Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,
Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.
3 Hidhiin kee akkuma foʼaa diimaa ti,
Dubbiin kees namatti tola.
Maddiin* kee shaashii kee keessatti
Akkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.
-