LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 30:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “Itti aansuudhaan urgooftuuwwan filatamoo taʼan kana fudhadhu: qumbii itite sheeqilii 500, walakkaa kanaa, jechuunis qarafaa miʼaawaa sheeqilii 250, qayya citaa sheeqilii 250,

  • Baʼuu 30:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Achiis isa irraa zayitii dibataa qulqulluu qopheessi; inni ogummaadhaan kan walitti makame haa taʼu.+ Innis zayitii dibataa qulqulluu ni taʼa.

  • Asteer 2:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kunuunsi miidhaginaa* jiʼa 12f dubartootaaf akka godhamu ajajame erga raawwatamee booda, shamarran hundi tokkoon tokkoon isaanii dabaree dabaree isaaniitiin gara Ahaashweros Mootichaatti seenu turan; kunis kan taʼe jiʼa jaʼaaf zayitii qumbiitiin,+ jiʼa jaʼaaf immoo zayitii baalsaamii*+ fi dibata miidhaginaa adda addaatiin kunuunsa miidhaginaa* isaaniif godhamu raawwachuu kan qaban akkaataa kanaan waan tureefi.

  • Faarfannaa 45:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Uffatawwan kee hundi urgaa qumbii, argisaa* fi qaasiyaa* qabu;

      Mana mootummaa guddaa ilka arbaa irraa tolfame keessaa meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban si gammachiisu.

  • Weedduu Weedduu Caalu 4:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 “Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura,

      Ani gara gaara qumbiitti,

      Gara tabba ixaana adiittis+ karaa koo nan qajeela.”

  • Weedduu Weedduu Caalu 5:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Maddiin isaa akkuma siree urgooftuuwwanii,+

      Akkuma tuullaa baala urgaaʼuu ti.

      Hidhiin isaa abaaboo dhangalaʼaa qumbii coccophsu dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi