-
Uumama 43:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kanaafuu, abbaan isaanii Israaʼel akkana isaaniin jedhe: “Kun dirqama taʼuu qaba yoo taʼe, akkana godhaa: Oomishawwan biyyattii hundumaa irra wayyan, jechuunis baalsaamii+ xinnoo, damma xinnoo, haphee foolii gaarii qabu, qola mukaa haphee qabu,+ lawuzii* fi almoondii karaciitii* keessanitti qabadhaatii akka kennaatti namichaaf geessaa.+
-
-
2 Mootota 20:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Hisqiyaasis namoota ergaman sana simatee* guutummaa mana qabeenyaa isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii* fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise.+ Hisqiyaas wanta mana isaa* keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre.
-