11 Kunoo, warri akka malee sitti aaran hundi ni qaanaʼu, ni salphatus.+
Warri siin lolan ni barbadaaʼu, ni badus.+
12 Warra siin morkatan ni barbaadda, garuu isaan hin argattu;
Namoonni si irratti waraana banan, akka waan hin jirree fi akka waan guutummaatti faayidaa hin qabnee ni taʼu.+