-
Maatewos 12:15-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yesuusis kana hubatee, iddoo sanaa deeme. Namoonni hedduunis kan isa duukaa buʼan+ yeroo taʼu, innis hunda isaanii ni fayyise; 16 haa taʼu malee, inni eenyummaa isaa akka hin beeksisne cimsee isaan ajaje;+ 17 kanas kan godhe, wanta karaa Isaayyaas raajichaa akkana jedhamee dubbatame raawwachuufi:
18 “Ilaa, tajaajilaan koo+ inni ani filadhe, inni ani jaalladhu, inni ani* itti gammadu+ isa kana! Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa;+ innis haqni maal akka taʼe sabootaaf ifa godha.
-