9 Wantoota bara durii yaadadhaa,
Ani Waaqa akkan taʼe, ana malees kan biraan akka hin jirre yaadadhaa.
Ani Waaqa dha, kan akka kootii tokko illee hin jiru.+
10 Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee,
Wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha.+
‘Murtoon koo jabaatee ni dhaabbata,+
Wanta na gammachiisu akkamii iyyuu nan raawwadha’+ nan jedha.