LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 14:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Yeroo kanatti Museen harka isaa galaanicha irratti ni diriirse;+ Yihowaanis bubbeen bahaa cimaa taʼe halkan guutuu akka bubbisu gochuudhaan galaanicha duubatti deebise; lafti galaanichaas gogaa ni taʼe;+ galaanichis gargar hirame.+

  • Baʼuu 14:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Israaʼelonni garuu bishaanichi karaa mirgaa fi karaa bitaa isaanii akka girgiddaa taʼee dhaabbatee utuu jiruu,+ galaanicha gidduu lafa gogaa irra ni deeman.+

  • Faarfannaa 106:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Galaana Diimaa ni ifate; galaanichis ni goge;

      Akkuma waan gammoojjii* keessa deemaniitti gad fageenya galaanichaa keessa isaan geggeesse;+

  • Isaayyaas 51:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Inni galaanicha, bishaan balʼaa isa gad fagoo taʼe sana gogse,+

      Warri furaman akka ceʼaniif, galaana gad fagoos daandii godhe si mitii?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi