-
Izraa 1:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Qiiros mootiin Faarsi akkana jedha: ‘Waaqa samiiwwanii kan taʼe Yihowaan mootummoota lafaa hundumaa naaf kenneera;+ Yerusaalem ishii Yihudaatti argamtu keessattis mana akkan isaaf ijaaru+ na ajajeera. 3 Saba isaa hundumaa keessaa namni isin gidduutti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isaa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishii Yihudaa keessatti argamtutti ol baʼee mana Yihowaa Waaqa Israaʼel isa manni isaa Yerusaalem keessatti argamuu deebisee haa ijaaru; inni Waaqa dhugaa dha.
-
-
Isaayyaas 52:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yaa Yerusaalem, awwaara kee hurgufadhu, kaʼiitii teessoo irra taaʼi.
Yaa intala Xiyoon ishii boojiʼamte nana, hidhaa morma kee irra jiru hiikkadhu.+
-