LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 19:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Achiis Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti dinyii* fi ibidda roobse; kunis kan dhufe Yihowaa biraa samii irraa ture.+ 25 Kanaafuu, inni magaalota sana, jiraattota magaalota sanaa fi biqiltoota lafaa hundumaa dabalatee guutummaa koonyaa sanaa ni garagalche.+

  • Keessa Deebii 29:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Dhaloonni ilmaan keetii warri gara fuulduraa fi namni biyya ormaa inni biyya fagoodhaa dhufe, dhaʼichawwanii fi dhukkuboota Yihowaan biyyattii irratti fide, 23 jechuunis akkuma Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas Admaa fi Zeboʼiim+ warra Yihowaan dheekkamsaa fi aarii isaatiin garagalche sanaatti, guutummaa biyyattii keessatti sanyiin akka hin facaafamneef yookiin akka hin margineef, biqiltuun akkamii iyyuus akka hin latneef, dinyii, soogiddaa fi ibidda gubu akka ishii irratti fide yommuu argan,

  • Roomaa 9:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Kana malees, akkuma Isaayyaas dursee dubbate, “Yihowaan* Gooftaan Raayyaa utuu sanyii nuuf hin hambisne taʼee, silaa akkuma Sodoom taana, Gomoraas ni fakkaanna turre.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi