-
Iyyaasuu 13:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Achiis Museen akka maatii maatii isaaniitti gosa Ruubenotaatiif dhaala ni kenne; 16 naannoon isaaniis Aroʼer ishii qarqara Sulula* Arnoonitti argamtu irraa jalqabee kan jiru, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa Medebaa,
-
-
2 Mootota 10:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Bara sanatti Yihowaan suutuma suuta Israaʼeliin hirʼisuu jalqabe. Hazaaʼel guutummaa naannoo Israaʼel keessatti isaan ni rukuta ture;+ 33 guutummaa biyya Giiliyaad isa Yordaanos irraa kallattii bahaatti argamu isa Gaadonni, Ruubenonnii fi Minaasonni+ keessa jiraatan, akkasumas Aroʼer isa Sulula* Arnoon bira jiru irraa jalqabee hamma naannoo Giiliyaadii fi hamma Baashaanitti+ isaan ni rukute.
-