16 Ani nan dhagaʼe, keessi koos ni raafame;
Sagalichaan kan kaʼe hidhiin koo ni hollate.
Lafeen koo ni bosose;+
Miilli koos na jalatti ni hollate.
Ani garuu callisee guyyaa dhiphinaa sana nan eeggadha,+
Sababiin isaas, inni namoota warra nu haleelan irratti ni dhufa.