-
2 Seenaa Baraa 19:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Innis akkana jedhee isaan ajaje: “Yihowaa sodaachuudhaan, amanamummaa fi garaa guutuudhaan* akkana gochuu qabdu: 10 Obboloonni keessan warri magaalota isaanii keessa jiraatan, himata dhiiga dhangalaasuu+ ilaalchisee yookiin gaaffii seera, ajaja, dambiiwwan yookiin murtiiwwan ilaalchisee qaban fidanii yoo dhufan, Yihowaa duratti yakkamtoota akka hin taaneef isaan akeekkachiisuu qabdu; taʼuu baannaan dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessan irratti ni dhufa. Yakkamtoota akka hin taaneef, wanta kana raawwachuu qabdu.
-