-
Leewwota 26:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 dambiiwwan koo yoo tuffattan,+ heerawwan koo jibbuudhaan ajajawwan koo hundumaa eeguu yoo diddanii fi kakuu koo yoo cabsitan,+ 16 ani immoo wantoota kana isin irratti nan raawwadha: Dhiphinaan, daranyoo sombaatiin, akkasumas dhaqna gubaa cimaadhaan isin adabee ijji keessan akka dadhabuu fi lubbuun keessan akka dhumu nan godha. Diinota keessantu isa nyaata waan taʼeef, isin akkanumaan sanyii keessan facaaftu.+
-