-
2 Mootota 21:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Minaaseen, Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatee cubbuu akka hojjetu gochuudhaan cubbuu hojjeteen alattis, Yerusaalem fiixee gar tokkoo jalqabee hamma fiixee gara isa kaaniitti dhiigaan hamma guutamtutti, dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaaseera.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-
-
Ermiyaas 14:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Yaa Yihowaa, hammina keenya,
Balleessaa abbootii keenyaas amanneerra,
Sababiin isaas, nuti si irratti cubbuu hojjenneerra.+
-