-
Ermiyaas 17:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yihowaan akkana jedha:
Garaan isaas Yihowaa irraa kan goru abaaramaa dha.
6 Inni akka muka gammoojjii keessatti kophaa isaa jiruu ni taʼa.
Wanti gaariin yommuu dhufu hin argu,
Kanaa mannaa, lafa onaa keessatti iddoowwan goggogan keessa,
Biyya soogiddaa bakka eenyu iyyuu itti jiraachuu hin dandeenye keessa ni jiraata.
-