30 Yihowaan akkana jedha: “Ilmaan mata jabeeyyii taʼan,+
Warra cubbuu irratti cubbuu dabaluuf jedhanii
Karoora isa kan koo hin taane raawwataniif,+
Akkasumas hafuura kootiin alatti michummaa uumaniif wayyoo.
2 Isaan eegumsa Faraʼoon jalatti gaaddisa argachuuf,
Gaaddidduu Gibxii jalattis dahoo argachuuf,
Utuu gorsa na hin gaafatin+ gara Gibxiitti gad buʼaniiru!+