-
Maarqos 7:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Fakkeessitoota nana, Isaayyaas waaʼee keessan sirriitti raajii dubbateera; akkana jedhamee barreeffameera: ‘Sabni kun hidhii isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana irraa fagoo dha.+ 7 Akka waan dubbii koo taʼetti ajaja namootaa waan barsiisaniif, isaan akkanumaan na waaqeffatu.’+ 8 Isin ajaja Waaqayyoo dhiistanii aadaa namootaa cimsitanii hordoftu.”+
-