3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii ni kenna,+
Dhimmoota saboota jajjaboo fagoo jiraniitiifis furmaata ni argamsiisa.
Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,
Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+
Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,
Isaan kana booda waraana hin baratan.+
4 Tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jala ni taaʼu,+
Eenyu iyyuu isaan hin sodaachisu,+
Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa kana dubbateera.