-
2 Mootota 18:19-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 20 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+ 21 Kunoo, ati deggersa Gibxii ishii shomboqqoo caccabaa taatee fi namni tokko yoo itti hirkate barruu isaa waraantu sanaatti amanatteetta.+ Faraʼoon mootiin Gibxii warra isatti amanatan hundumaatiif akkanuma dha. 22 Isin, ‘Nuti Waaqa keenya Yihowaatti amananna’+ yoo naan jettan garuu, Hisqiyaas Yihudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin sagaduu kan qabdan iddoo aarsaa Yerusaalem keessa jiru kana duratti dha’+ jedhee, iddoowwan ol kaʼoo fi iddoowwan aarsaa isaa diigeera mitii?”’+ 23 Kanaafuu, maaloo, amma gooftaa koo mootii Asoorii wajjin wal morkadhu: Ati namoota isaan gulufan argachuu yoo dandeesse, ani fardeen 2,000 siifan kenna.+ 24 Ati gaariiwwan fardaa fi abbootii fardeenii argachuuf Gibxiitti amanattee utuu jirtuu, tajaajiltoota gooftaa kootii keessaa bulchaa isa hunda irra gad aanu tokko illee akkamitti of irraa deebisuu dandeessa? 25 Ishii balleessuuf gara naannoo kanaatti kanan ol baʼe heyyama Yihowaa malee sitti fakkaataa? Yihowaan iyyuu, ‘Gara biyya kanaatti ol baʼiitii ishii balleessi’ naan jedheera.”
-
-
2 Mootota 19:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+
-