LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 10:29, 30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Achiis Iyyaasuun guutummaa Israaʼelii wajjin Maaqedaadhaa gara Libnaa dhaqee Libnaa+ waraane. 30 Yihowaanis Libnaa fi mootii ishii+ harka Israaʼelitti dabarsee ni kenne; isaanis ishii fi namoota* ishii keessa jiran hundumaa goraadeedhaan ni rukutan; nama tokko illees ishii keessatti hin hambisne. Isaan akkuma mootii Yerikoo+ irratti godhan, mootii ishii irrattis ni godhan.

  • 2 Mootota 8:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Haa taʼu malee, Edoom hamma harʼaatti Yihudaa irratti akkuma fincila kaastetti jirti. Libnaanis+ fincila kan kaaste yeroo sanatti ture.

  • 2 Mootota 19:8-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin+ dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa waraanaa jiruus isa argate.+ 9 Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Kunoo, inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Kanaafuu, inni ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11 Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12 Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu? Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13 Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim, mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa+ meerre?’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi