LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 37:8-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Raabshaaqichis mootiin Asoor Laakiishiin dhiisee deemuu isaa yommuu dhagaʼu gara isaatti ni deebiʼe; utuu Libnaa wajjin wal waraanuus isa argate.+ 9 Mootichis yeroo kanatti waaʼee Tirhaaqaa mootii Itoophiyaa, “Inni sii wajjin wal waraanuuf baʼeera” jedhamuu isaa dhagaʼe. Innis yommuu kana dhagaʼu, ammas akkana jedhee gara Hisqiyaasitti namoota erge:+ 10 “Hisqiyaas isa mootii Yihudaa taʼeen akkana jedhaa: ‘Waaqni kee inni amanattu, “Yerusaalem harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee si hin gowwoomsin.+ 11 Kunoo, ati mootonni Asoor biyyoota sana hunda balleessuudhaan wanta isaan irratti raawwatan dhageesseetta.+ Ati qofti kan ooltu sitti fakkaataa? 12 Saboonni warri abbootiin koo balleessan sun waaqoliin isaanii isaan oolchaniiruu?+ Goozaan, Kaaraan,+ Rezeefii fi namoonni Eedan warri Tel Asaar keessa turan meerre? 13 Mootiin Hamaat, mootiin Arpaad, mootiin magaalota Sefaarwaayim,+ mootiin Heenaa fi mootiin Iiwaa meerre?’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi